Lyrics

Andualem Gosa - Gumgume

0
original text at mamqa.com/ulyricsnew/andualem-gosa-gumgume-1812922
Dhugaa ganamaa
Dhugeeffanna Oromummaa
Waloo uumaa
Waloo uumaa
Seertu seera namooma
Walooma walii
Walooma walii
Gadaan galti namaa waloo uumaa

Walooma walooma walooma
Walooma walooma walooma
Walooma walooma walooma
Walooma waliini waloomaa!

Gurree gurraan galu Gurraacha gurra lootii
Dafoo hadan dafii Ayyaana warra kootii
Qomoon mariin murtu Qormaata mara mooti
Gadaan waloon galtu Dhugaan walaba baati

Gurree gurraan galu Gurraacha gurra lootii
Gurree gurraan galu Gurraacha gurra lootii

Yayyaba Yaayyaa
Yaa ilmaan Aayyaa
Ilaa fi ilaameen
Tokkoomuu wayya
Yayyaba Yaayyaa
Yaa ilmaan Aayyaa
Ilaa fi ilaameen
Tokkoomuu wayya

(Gumgume) Sagaltaman si taajjabe
(Gumgume) Ijji moggaa moggaa
(Gumgume) Moggaatti wallaaluu
(Gumgume) Shimbir lagaa lagaa
(Gumgume) Mormori marmaaru
(Gumgume) Sirna karra karraa
(Gumgume) Karratti walwaalu
(Gumgume) Bar beekan walii galu

Harki harka harkaa
Hidhee wal sakaalu
Arrabni dhugaa didee
Waan dharaa daldalu
Seera uumaa dabsee
Uumamaan wal lolu

Dafoo dafimee
Waaqa waaqa walooma waan Afrikaa

Koot yaa sooree
Yaa sororakoo
Waloo wal faana
Waliin dhugaa wal laanna
Koot yaa sooree
Yaa sororakoo
Waloo wal faana
Waliin dhugaa wal laanna

Walooma walooma walooma
Walooma walooma walooma
Walooma walooma walooma
Walooma waliini waloomaa!

Gurree gurraan galu
Gurraacha gurra lootii
Korjoo kormaan kormu
Korommii warra kootii
Lammiin lammiin yaatu
Lammachi luba yaati
Bokkuu gadaan galtu
Addunyaa mara mooti

Gurree gurraan galu
Gurraacha gurra lootii
Gurree gurraan galu
Gurraacha gurra lootii

(Gumgume) Tabbaan tabba tabbaa
(Gumgume) Tabbatti ol yaabu
(Gumgume) Lagaan laga laga
(Gumgume) Lagatti achi darbu
(Gumgume) Qomoon qomoo qabu
(Gumgume) Qomatti wal qabu
(Gumgume) Qomoon gamtaa qabu
(Gumgume) Mataa gadi hin qabu
Harki harka harkaa
Hidhee wal sakaalu
Arrabni dhugaa didee
Waan dharaa daldalu
Seera uumaa dabsee
Uumamaan wal lolu

Dafoo dafimee
Waaqa waaqa walooma waan Afrikaa

Koot yaa sooree koo
Yaa sororakoo
Waloo wal faana
Waliin dhugaa wal laanna

Koot yaa sooree koo
Yaa sororakoo
Waloo wal faana
Waliin dhugaa wal laanna

Walooma walooma walooma
Walooma walooma walooma
Walooma walooma walooma
Walooma waliini waloomaa!
 Edit 
Copy

YouTube

 Edit 

More Andualem Gosa

Andualem Gosa - Darbee Laalla | Lyrics
Raasee raasee raasee Barri baranee baran baraasee (Raasee raasee raasee Barri baranee baran baraasee) Raasee raasee raasee Barri baranee baran baraasee Addiis Aabban

Andualem Gosa - Bilillee | Lyrics
Shaggarii gubbaa mamarmaaree Shaggiituu jiddaa famaraaree Shaggarii gubbaa mamarmaaree Shaggiituu jiddaa famaraaree Shaggarii ulaan shan banaadha (banaadha) Essarraan

Andualem Gosa - Gumgume | Lyrics
Dhugaa ganamaa Dhugeeffanna Oromummaa Waloo uumaa Waloo uumaa Seertu seera namooma Walooma walii Walooma walii Gadaan galti namaa waloo uumaa Walooma

Photo Andualem Gosa

 Edit 
Andualem Gosa

Andualem Gosa - Biography

 Edit